4/19/2021 0 Comments Seenaa Oromoo Wallaggaa
Afaan bifa barrreeffamaafi afoolaatiin seenaafi aadaa ibsuun eenyummaa saba tokkoo calaqqisiisa.Guddina aadaafi seenaa saba keesaatti shoorri afaanii guddaadha.Kanneen keessaas fudhaafi heerumaa, nyaataa, uffannaa, sirbaa, geerarsaafi kanneen biroo kaasuun ni dandaama.Barreeffama haraatiinis aadaa geerarsa Wallaggaa ilaalchisuun Kitaaba Qees Dafaa Jamoo barreessan irraa kan dubbisne qindeessinee gabaabinaan isin dubbisiisuu yaalla.
Geersi dhihaate kan xiyyeeffatuun geerarsa kutaa Oromiyaa Wallaggaarratti. Akka aadaa Oromootti geerarsi jaalala hiriyaa, biyyaa, hadhaafi loonii ibsuuf akkasumas, yeroo cidhaa, ateetee, daboo(guuza), ajjeesaa, buttaa qaluu, ayyaanoota gurguddaa kan akka Irreechaafi taiwwan biroorratti ni geeraramaa. Oromoon kamiyyuu sagaleesaa geerarsa shaakalsifachuuf geeraruu ni dandaa. Akka aadaan geerarsa Oromoo qajeelchutti bakka namoonni walitti qabamanitti, bakka cidhaattiis tae, of dandaee ayyaana dhaabbatee geeraruuf mirga geeraru idillaaee kan qabu nama hojii gootummaa hawaasa keessatti hojjete qofadha. ![]() Dubartoonnifi shamarran yeroo inni geeraru ililleen simatu, dhadhaa baqsaa dibuu. Bakka waamichaattis dursa geeraruutu kennamaaf; bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti geeraree of yaadachiisa. Ayyaanni ajjeesaa qomoon isaa kan itti isa faarsaniifi jajan tae ayyaanotarraa adda baee beekamaaf. Yeroon turtii ajjeesaan tokko dibatee turu akaakuu waan ajjeese irratti hundaauun daangaa qaba. Kan leencaafi gafarsa ajjeese waggaa tokkoof dibatee isa booda mataa balleesse. ![]() Goota waan taeef tilmaama biyya bulchuutu itti kennamuun toora namoota gurguddoo keessatti ilaalama. Taus, wanti nama ajaaibsiisu garuu goota misoomaaf aadaan Oromoo mirga geeraruu kennuunsaa Oromoon misoomaaf ilaalcha guddaa qabaachuusaa agarsiisa.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |